ONM-ABO | Onkoloolessa 17, 2026
Godina Lixa Harargee aanaa Doobbaa araddaa Misiraa Cirfaa keessatti, waraanni maafiyaa Bilxiginnaa torban darbe keessa namoota nagaa hidhaatti guuranii dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Yakka namni kamuu hin dalagin dahoo taasifachuun, sadoo dhuunfaa isaaniif jecha hawaasa irraa dhalatanitti diina kan ta’an murni waraana sirnichaa, maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jechuun namoota nagaa maqaan isaanii:
- Hasan Adam,
- Hasan Mohaammad Suursoo,
- Abrihaam Sayidoo,
- Golbaa Muusaa Raaree,
- Mohaammad Araarsaa,
- Yaasoo Ibraahim,
- Ibraahim Adam Muusaa fi
- Aliyyii Ahimad Mohaammad
kanneen jedhaman dabalatee namoota nagaa baayinni isaanii 44 ta’an torban darbe kana mana jireenyaa isaatii butanii hidhaatti naquun hanga gabaasi kun qindaa’etti mana hidhaa araddichaatti dararaa jiraachuun eeramee jira.
Kana malees, lukkeen PP fi bulchaan araddaa Misiraa Cirfaa Usmaan Jamaal, nama maqaan isaa Abbaas Abdoo jedhamu “Waraana Bilisummaa Oromoof bilbilta” jechuun haaloo dhuunfaa kanaan dura waliin qabaniif jecha hidhee osoo dararuu, gaafa inni mana hidhaatii miliqee ba’u, mana, lafaa fi qabeenya isaa cufa, nama maqaan isaa Abdullaay Yuuyyaa jedhamu irraa matta’aa fudhachuun kennuufii maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsaniiru.
Akka Jiraattotni himanitti, namootni kashallabboota gara jabeeyyii kanaan yakkamanii hidhaa jiranii fi qe’ee isaanii irraa ari’aman kunneen, namoota nagaa dhaaba siyaasaa kam keessaayyuu hirmaannaa hin qabnee fi jiruu qonnaafi horsiisa horii irratti bobba’anii kan jiraatan ta’uun beekameera.
Sirni Faashistii Bilxiginnaa Abiy Ahimadiin durfamaa jiru, goleewwan Oromiyaa mara keessatti sababa adda addaan ilmaan Oromoo kumaatamaan lakkaa’aman hidhaa, qe’ee irraa godaansisaa fi qabeenya saamaa akka jiru gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

