• Sun. Oct 18th, 2026

Aanaa Daarimuu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota ukkaamsanii maallaqa guddaa gaafachuu, ajjeesuu fi hidhuu hammeessan

Oct 17, 2026

‎ONM-ABO | Onkoloolessa 17, 2026

‎Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Daarimuu keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimed, jiraattota ukkaamsanii maqaa “isin miseensa WBO’ti” jedhu itti maxxansuun hanga qarshii kuma dhibba lamaatti gaafachaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

‎‎Namoota qarshii gaafataman kennuu dadhaban ammoo ajjeechaa suukkanneessaa irratti raawwachaa jiraachuun ifoomeera.

‎Haaluma kanaan Onkoloolessa 7, 2026 jiraattota ganda Meexxii Guddaa kan ta’an qonnaan bultoonni maqaan isaanii: 

  1. Taaddalee Yaadataa fi 
  2. Gammachuu Takkaaleny 

kanneen jedhaman sirna dhableeyyii loltoota PP’n ajjeefamuu isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.

‎‎Jiraattonni maqaan kun itti maxxanuun hiraarfamaa jiran irra jireessan dargaggoota yoo ta’an, isaanis mooraa waraana garboomfataa Bilxiginnaa ganda Haramii keessatti hedduminaan hidhamuun dararaa ulfaataan irra gahaa jiraachuu maddeen dabaluun eeranii jiru.

‎

‎

‎

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading