• Wed. Jan 7th, 2026

Kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa keessatti dargaggoonni shan dhiirri afuriif shamarran tokko bakka tokkotti waraana shiftaa Abiy Ahimediin ajjeefaman maqaan isaanii jiraattoota irraa argame

Feb 28, 2024

ONM-ABO Guraandhala 28, 2024

Oromiyaa keessatti ajjeechaan murna bilxiginnaan geggeeffamu aadeffatamuun ilmaan Oromoo balleessaa tokko malee keessattuu yeroo ammaa dargaggoo irratti xiyyeefatamuun ajjeechaan jumlaa irratti raawwatamaa jira

Guraandhala 22, 2024 kibba lixa Shaggar aanaa Qarsaa Maallimaa keessaa dargaggoota shan dhiira afuriif shamarree tokko mana hidhaa irraa baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuun isaanii ni beekama.

Dargaggoonni ajjeefaman kunneenis maqaan isaanii Geetuu, Gazzuu Dajanee, Taarikuu Dabalee, Kushaa Gammadaa fi shamarree Shittuu Wandimmuu ta’uu jiraattotni ONM’tti himaniiru.

Dargaggoonni ajjeefaman kunneen guyyoota muraasa dura hidhattoota sirnichaan qabamuun kan hidhaman yoo ta’u turtii guyyoota muraasaa booda ammoo daandii gubbaatti baasuun ija hawaasaa duratti akka ajjeesan jiraattotni ibsan.

Ajjeechaan murna bilxiginnaan uwwisa miidiyaa Addunyaa fi dhaabbata mirgoota namoomaa jalaa dhokachuun Oromiyaa bakkeewwan hedduutti raawwatamaa jiru daran hammaatee itti fufee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading