• Wed. Nov 25th, 2026

Mormii Hong Kong baay’ee hin mul’anneen seera nageenyaa haaraa Chaayinaan baaste irratti namootni sodaa isaanii dhageessisaa turan

Feb 28, 2024

ONM-ABO Guraandhala 28, 2024

Aktiivistoonni Hong Kong Kibxata kaleessaa karoora mootummaan Chaayinaa seera nageenya biyyaalessaa haaraa baasuuf qabu mormuun mormii uummataa hin baramne geggeessuun, seerichi to’annoo dimokiraasii fi eegumsa mirga namoomaa hin qabu jedhan.

Erga Beejiing bara 2019 mormii guddaa, yeroo tokko tokko jeequmsa diimokiraasii deggeru dhaamsitee fi seera nageenya biyyaalessaa bal’aa ta’e kaa’attee as hiriirri ummataa wiirtuu faayinaansii Chaayinaa keessaa baduu danda’eera.

Qondaaltonni Hong Kong amma “qaawwa” cufuuf seera nageenyaa biyya keessatti guddate dabalataan akka barbaachisu himaniiru. Hoogganaan haqaa Pool Laam kanaan dura marii uummataa ji’a tokkoof Roobii xumuramu irratti mormii tokkollee akka hin dhageenye dubbataniiru.

Garuu aktiivistiin Yu Wai-pan, Liigii Soshaal Dimookiraatota (LSD) irraa, Kibxata AFP’tti akka himanitti, ”lammiileen Hong kong hedduun baay’ee yaaddoo keessa jiru” jedhan.

“Barreessaan haqaa mormii fi yaaddoo tokkollee hin dhageenye maaliif akka jedhe naaf hin galle,” jedha Yu’n.

LSD’n gareewwan mormitootaa Hong Kong keessatti hafan keessaa isa tokko yoo ta’u, miseensonni isaa mormii agarsiisuu isaaniitiin himannaa dachaan isaan mudateera.

Yu fi aktivistoonni biroo lama Kibxata waajjira muummee mootummaa Hong Kongiin alatti dhaadannoo dhageessisaa osoo jiranii pireesii fi poolisoota kudhan ol ta’aniin marfamanii turan.

“Nageenyi biyyaa uummataaf barbaachisaa ta’us, dimokiraasii, bilisummaa fi olaantummaa seeraa irratti kan hundaa’e ta’uu qaba,” jedhan aktivistiin Chaan Po-ying.

Mootummaan seera yaadame kana ittisuu keessatti fakkeenyota Ameerikaa fi Biriteen keessatti argaman yoo eeru, Chaan garuu Hong Kong biyya dimokiraasii waan hin taaneef wal bira qabuun dogoggora akka ta’e dubbataniiru.

Seera nageenyaa haaraa Seera Bu’uuraa keewwata 23 jedhamuun beekamuuf mariin ummataa ji’a tokkoof ture baay’inaan sagalee deggartoota Beejiing qofa irratti kan daangeffame ta’uu dabalteetti.

Lammiin Poorchugaal namni ganna 41 yakka nageenya biyyaalessaa hojjechuu kan amane yoo ta’u, dura taa’aa Paartii Walabummaa Hong Kong kan UK keessatti argamu fi bulchaa waltajjiiwwan onlaayinii isaa ja’a ta’uu isaa amanee jira.

Maddi dippilomaasii tokko AFP’tti akka himetti, Joon erga Adoolessa bara 2022 qabamee hidhamee asitti qonsilaan Poortugaal daawwachuu hin dandeenye jechuun sarbamiinsi mirga namoomaa jiraachuu fi namootni muraasni seera mirga namoomaa fi diimookiraasii ukkamsuu danda’an lammiileen Chaayinaa magaalaa Hong Kong muraasni mormuu isaanii Ajaansi Firaansi Pirees gabaaseera.

Leave a Reply