• Sat. Oct 17th, 2026

Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti saamichi hidhattoota sirnichaan qabeenyaa hawaasaa irratti geggeefamaa jiru guyyaa lamaaf itti fufe

Feb 28, 2024

ONM-ABO Guraandhala 28, 2024

Dirree saamtootaa kan taasifatan Oromiyaa murni bilxiginnaa, loltoota bakkeewwan hedduutti maqaa sakkatta’insa WBO jedhuun bobba’anii jiraniin qabeenyaa hawaasaa waan inni mana keessaa qabu tokkollee osoo hin hambisin konkolaataa isaaniitti fe’achuun uummata harka qullaatti hambisaa jiru.

Guraandhala 26 hanga 27tti godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Yaarer keessatti hidhattootni sirnichaa guyyoota lamaaf walitti aansuun qabeenya hawaasa nagaa saamuu akkuma itti fufanitti jiru.

Guyyaa kaleessaa jechuun Guraandhala 27, 2024 gandichuma keessaa qonnaan bulaa maqaan isaa Ifaa Masgabuu jedhamu jalaa buna kuntaala hedduu akkasumas mi’a mana keessaa dabalatee jalaa saamuu jiraattotni ONMtti himaniiru.

Guyyaa kaleessaas gandicha keessaa qabeenyaa namootaa saamuu isaaniis gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading