• Wed. Nov 25th, 2026

Dargaggoon ganna 25 tokko lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu irraa waraana maafi’aa PP’n rukutamuun madaa’e

Mar 2, 2024

ONM-ABO Bitootessa 2, 2024

Caasaaleen sirna bilxiginnaa olola afarsuu fi du’a labsuu qofaa irratti xiyyeeffachuun Oromiyaa dirree dhiigaa erga godhanii kaasee dargaggoota ol adeemoo abdii biyyaa ta’an hunda rasaasaan rukutanii ajjeesuu fi madeessuu irratti argamu

Bifuma kanaanis Guraandhala 28, 2024 godina lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu ganda Somboo sadan Gittan jedhamu bakka addaa gabaa facaasee keessatti dargaggoo maqaan isaa Laggasaa Fufaa jedhamu yakka tokko malee waraanni maafi’aa PP rasaasaan rukutuun madeessuun himame.

Waraanni dargaggoo kana rukutan magaalaa irraa bobba’uun yakka ajjeechaa raawwachuuf yaalanis dargaggoon madaa’e Kun lubbuun fiigee erga ba’ee boodas hordoffii irratti taasisuun ajjeesuuf yaalaa akka jiranis dabaluun himaniiru.

Oromiyaa keessatti lubbuun namaa hanga bineensaayyuu kabaja dhabuun bakkeewwan hedduutti ajjeechaa fi hidhaan daangaa hin qabne irratti raawwatamaa jira.

Leave a Reply