• Tue. Nov 24th, 2026

Raashiyaan meeshaa niwukilaraa hawaa keessa buusuuf karoora hin qabdu jedhan Pirezidaantiin Raashiyaa Puutiin

Mar 2, 2024

ONM-ABO Bitootessa 2, 2024

Raashiyaan meeshaa niwukilaraa hawaa keessatti bobbaasuuf karoora akka hin qabne Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin miseensota mana maree nageenyaa biyyattii waliin Jimaata kaleessaa walgahii taasisaniin ibsaniiru.

Himata sobaa yeroo ammaa qondaaltota biyyoota dhihaa tokko tokkoon karoora meeshaa niwukilaraa hawaa keessa bobbaasuuf qabnu irratti dhiyaachaa jiran irratti mari’annee turre,” jechuun Kiremliin pirezidaanticha wabeeffachuun dubbateera.

Puutiin haasawa waggaa haala biyyaa Kamisa dheengaddaa taasisaniin himannaa dhiyaate “bu’uura kan hin qabne” fi “seenaa sobaati,” jechuun, yaadichi biyyoota dhihaatiin Raashiyaa haala Ameerikaa qofa fayyadu irratti marii keessa galchuuf qophaa’e jedhan.

Ibsi kun kan ba’e erga miidiyaaleen biyyoota dhihaa gabaasa dambalii basaasaa Ameerikaa Raashiyaan misooma meeshaa nuwukilaraa hawaa kana irratti hojjechaa akka jirtu ifa godheen booda jechuun Jinuwaan gabaaseera.

Leave a Reply