• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti baajaajiin lama waraana maafi’aa PP’n abboota qabeenyaa waliin ukkaamfamuun himame

Mar 2, 2024

ONM-ABO Bitootessa 1, 2024

Saamichi daangaa hin qabne Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiraachuun yeroo ammaa abbootiin qabeenyaa qe’ee abbaa isaanii irratti waraana gabroomfataa PP’n hiraarfamaa jiru

Akkuma kanaanis Guraandhala 28, 2024 abbootiin qabeenyaa maqaan isaanii obbo Mul’ataa Indiriisii fi obbo Jamaalee Adam jedhaman waraana bilxiginnaan ukkaamsamuun godina Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Daabanaa irraa baafamuun eessa akka geeffaman hin beekamin jiraachuun beekameera

Abboota qabeenyaa kana lamaan isaaniis erga ukkaamsaniin boodas baajaajii isaanii gara lixa wallaggaa bulchiinsa magaalaa Gimbiitti akka fe’atanis dabaluun ibsaniiru

Dabalaatanis namootni maqaan isaanii hammaaf nu hin ga’in jiru danuun saamamuu fi hidhamuun rakkoo ulfaataa argaa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading