• Tue. Jan 13th, 2026

Raashiyaan yeroo magaalotaa fi gandoota Yukireen hedduu irratti xiyyeeffattee jirtutti, Yukireen xiyyaarota waraanaa 2 kuffise jette

Mar 2, 2024

ONM-ABO Bitootessa 1, 2024

Ajajaan humna qilleensaa Yukireen Maaykola Oleshchuk kutaaleen waraanaa isaanii jeettiiwwan Raashiyaa Su-34 lama halkan tokkotti kuffisan jedhan.

Gochi kun yoo mirkanaa’e, Yukireen xiyyaara akeekkachiisa dursaa fi to’annoo A-50 dabalatee walumaa galatti xiyyaarota waraanaa Raashiyaa 11 torban lama hin guunne keessatti kuffifteetti jechuudha.

Oduun kun kan dhufe yeroo humnoonni Raashiyaa gara magaalotaa fi gandoota bahaa fi kibba baha Yukireen hedduutti cimsanii dhiibaa jiranitti.

Ajajaan olaanaa humna waraanaa Yukireen Oleksandr Syrskyi miidiyaa hawaasaa irratti akka ibsanitti, waraanni Raashiyaa magaalotaa fi gandoota Tonenke, Orlivka, Semenivka, Berdychi fi Krasnohorivka naannoo baha Donetsk keessatti argaman qabachuuf yaalaa jira.

Isaan kun iddoowwan qondaaltonni waraanaa Yukireen kanaan dura erga loltoonni Yukireen Guraandhala 17 Avdiivkaa keessaa ba’anii sarara ittisaa haaraa ni ijaarra jedhaniiti.

Akka poolisiin naannoo Donetsk baay’inaan Raashiyaan to’atame jedhutti, misaa’eloonni Raashiyaa gamoo Pokrovsk keessatti argaman hedduu rukutanii turan, garuu miidhaa lubbuu hin qaqqabsiisne.

Gaaffiin guddaan qondaaltota Kiiv akkamitti gargaarsa waraanaa dabalataa michoota isaanii irraa argachuu danda’a kan jedhuudha.

Pirezidaantiin Faransaay biyyootni Awurooppaa loltoota lafoo Yuukireeniif gumaachuuf balbala akka banan gaafataniis, muummichi ministeeraa Bulgaariyaa Nikolaayi Deenkov loltoonni Bulgaariyaa gonkumaa gara Yukireen akka hin ergamne hubachiisaniiru.

“Hanga ani Ministira Muummee ta’etti gonkumaa hin mari’annu, waa’ee loltoota Bulgaariyaa gara Yukireen erguuf murtoon hin jiru” jechuun Deenkov Paarlaamaa keessatti dubbataniiru.

Itti dabaluudhaanis labsiin dhiheenya kana Yukireen waliin mallattaa’e Bulgaariyaadhaaf waadaa haaraa tokkollee kan hin hammanne ta’uu ibsaniiru jechuun Euronews gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading