ONM-ABO Bitootessa 2, 2024
Murni bilxiginnaa waan qabee gadhisu wallaaluun yeroo ammaa sochiin waraana bilisummaa Oromoo godina keenya keessatti mul’ataa jira jechuun godina Jimmaa onoota adda addaa keessatti sakatta’iinsa WBO maqaa jedhuun hawaasa dararaa jiraachuun beekamee jira.
Haaluma kanaanis torban darbe irraa eegalee godina Jimmaa aanaa Gommaa keessaa jiraattotaan galgala irraa dabareedhaan eegumsa naannoo gochuu qabdu jechuun kaabinootni hojjettoota mootummaa barsiisota, ogeessota fayyaa, ogeessota qonnaa fi hawaasa naannoo dabalatee halkan irraa bobbaasuun hiraarsaa jiraachuun beekame.
Sodaachisaa fi doorsisa murni bilxiginnaa gochaa jiruun namootni meeshaa waraanaa homaa of harkaa hin qabne: cuubee, eeboo, Saanjaa fi dullaa qofaan bobba’anii halkaniif guyyaa hiraarfamaa jiraachuunis himameera.


