ONM-ABO Bitootessa 2, 2024
Murni faashistii PP ilmaan Oromoo humnaan cabsee sodaachisee aangoo irra bubbuluuf loltoota isaa qe’ee uummataatti bobbaasee reebichaa hanga ajjeechaatti irratti raawwachaa jira.
Haaluma kanaanis godina Arsii lixaa ona Gadab Asaasaa ganda Coofira Hulluqqoo keessatti Kamisa dheengaddaa Guraandhala 29, 2024 obbolaa lama bakka tokkotti rasaasaan rukutuun ajjeesan.
Obboleeyyan lamaan ajjeefaman kunis Aliyyii Burqaa abbaa maatii fi nama umrii 35 fi Muusaa Burqaa daa’ima ganna 15 ta’uun barameera.
Gareen goolessaan kun barcuma Abiy Ahimed tiksuuf kibba baha Oromiyaa keessatti manneen gubuu, ajjeechaa, saamicha, hidhaa fi qe’ee irraa buqqisuu geggeessaa jiraachuu gabaasaa turre.


