ONM-ABO Bitootessa 2, 2024
Pirezidaantiin US Ameerikaa Joo Baayiden Jimaata kaleessaa akka jedhanitti, Ameerikaan meeshaalee gargaarsaa qilleensa irraan gara Gaazaatti geessuu akka jalqabdu himuun, kunis erga lammiileen Falasxiin 100 ol konkolaataa gargaarsaa irratti du’anii guyyaa tokko booda.
“Caalaatti hojjechuu qabna, Ameerikaan immoo kana caalaa ni hojjetti,” jechuun Baayiden jalqaba walga’ii Muummitti ministeeraa Xaaliyaanii Joorjiyaa Meloonii waliin taasisaniin Waayit Haawusitti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin dubbataniiru.
“Guyyoota dhufan keessatti hiriyyoota keenya Joordaan jiranii fi namoota biroo waliin ta’uun nyaata dabalataa fi dhiyeessii qilleensaa dhiyeessuuf jirra,” jedhan maanguddoon ganna 81 Baayiden Waajjira Ovaal keessatti.
Beeksisni kun kan ba’e yeroo mariin waraana Onkoloolessa 7 booda jalqabee lubbuu fi qabeenya hedduu balleessaa jiruuf dhukaasa dhaabuu Israa’elii fi Hamas gidduutti itti fufee jirutti.
Baayiden Israa’el miidhaa namoota nagaa hir’isuu fi gargaarsi akka seenu hayyamuuf dhiibee kan turan yoo ta’u, yeroo walfakkaatutti michuu Ameerikaa ijoo taateef gargaarsa waraanaa taasisaniiru.
Boodarra Baayiden akka jedhetti, ji’a qulqulluu Musliimootaa Ramadaanaa kana dhukaasa dhaabuun torban jahaaf akka ta’u ibsaniiru. Jalqabbiin isaas akka kalaandarii ji’aa irratti hundaa’uun Bitootessa 10 ykn 11 eegala.
Mariin dhukaasa dhaabuu kan walxaxaa taasise, taatee Kamisa darbe Falasxiinota gargaarsa fudhachuuf ba’an irratti dhukaasa geggeeffameeni.
Pirezidaantiin Ameerikaa Israa’el konkolaattota gargaarsaa dabalataa akka galchitu kan jedhe yoo ta’u, gargaarsa guddaa gara Gaazaatti geessuuf “koridoorii galaanaa” ta’uu danda’us akka ilaaltu dubbataniiru.
”Naannoo akka Gaazaa namaan guutame keessatti qilleensa irraan gadi buusuun garmalee rakkisaadha,” jedhan Kirbii.
Ameerikaanis balaa hojjettoota ofii ishee mudatu bulchuu qabdi.
”Kun naannoo waraanaa ti. Kanaafuu balaan balaliistota xiyyaaricha keessa jiraniif balaa ta’uu danda’u dabalataan jira,” jechuun dabalaniiru.
Kirbiin akka jedhanitti Israa’el gama biraatiin gocha konkolaataa gargaarsaa kana irratti raawwate “cimsitee” qorachaa jirti.
Haa ta’u malee, Gaazaatti balaan namoomaa guddachaa dhufus Waashingitan Israa’el waraanaan deggaruun itti fufti jedhan Kirbiin.
”Hanga ammaatti Israa’el akka of ittistuuf fedhii isaanii gargaaraa jirra,” jedhan jechuun Arab News gabaaseera.





