ONM-ABO Bitootessa 2, 2024
Ajjeechaan suukanneessaan Oromiyaa keessatti humnoota waraana abbaa irree Koloneel Abiy Ahimediin jiraattota nagaa tuttuqaa siyaasaa kam irraa bilisa ta’an maqaa WBO deggerta jedhuun dharaan yakkee ajjeesuu irratti argama.
Bifuma kanaanis Bitootessa 1, 2024 godina kibba lixa Shaggar aanaa Tolee bulchiinsa magaalaa Abeebeetti miseensotni raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa dargaggoo maqaan isaa Buzunaa Laggasaa jedhamuu fi shamarree ammaaf maqaan nu hin ga’in jiru tokko ajjeesuun beekameera.
Aanaa Tolee keessatti ajjeechaan yeroodhaa yerootti namoota nagaa irratti waraana faashistii PP’n raawwatamuun cinatti hawaasni qe’ee fi qabeenyaan isaa saamamaa, jumlaan hidhamaa fi hawwan gudeedamuun jabaachuun haalli Jireenya hawaasichaas yaaddoon guutee akka jirus dabaluun himaniiru.



