ONM-ABO Bitootessa 2, 2024
Kufaatii irraa fayyuu hin dandeenye keessa kan jiru bulchiinsi abbaa irree mootummaaa bilxiqinnaa lola guutuu biyyattii keessatti adeemsifamaa jiru irratti loltoolta isaa ficcisiisaa jiruun cinaatti barcuma aangoo isaa ittiin tikfachuuf ilmaan Oromoo afaan qawween dorsisuun qabee dirree waraanaatti ergaa jira.
Haaluma kanaan Guraandhala 29, 2024 godina lixa Wallaggaa aanaa Begii magaalaa Begii keessaa dargaggoota humnaa fi dirqiin qabanii leenjii waraanaa fi milishaa dhaqxu jechuun hawaasa nagaa oliif gadi kaachisaa kan oolan yoo ta’u dargaggoota qabaman sana keessaa muraasni waraana PP harkaa fiiganii ba’uu maddeen ifoomsan.
Impaayera Itoophiyaa kufaatii irraa bararuuf murni aangoo irra jiru Bilxiginnaan ilmaan Oromoo dirqamaan guuree adda waraanaatti erguun lola isaan hin ilaallannetti hirmaachisuun lubbuu isaanii galaaafachuu bira darbee uummatuma keessaa dhalatan irratti deeb’ianii gochoota dhala namaa irratti hin rawwatamne raawwachiisaa jiru.

