• Sat. Mar 14th, 2026

Kaaba Oromiyaa godina Walloo keessatti hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa namoota lama rasaasaan rukutuun madeessan

Mar 4, 2024

ONM-ABO Bitootessa 4, 2024

Humnoonni badii finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon dhaadannoo uummata Oromoo Walloo keessa jiran ni balleessina, lafa isaaniis ni fudhannaa jedhuun abjuu hin dhugoomne afarsaa jiran uummata gabaa deemaa jiru riphanii eeguun ajjeechaa suukkanneessaa fi qabanii dhabamsiisuun hawaasicha jireenya gadadoof saaxilaa jiru.

Haaluma kanaanis Bitootessa 3, 2024 Konkolaataa namootaa fi midhaan nyaataa fe’uun Magaalaa Caffaa Roobit irraa gara Fursee deemaa jiru irratti hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa dhukaasa banuun namoota hedduu irraan miidhaa ga’uu maddeen keenya ibsaniiru.

Namoota hidhattoota kanaan madaa’e keessaa kan maqaan nu ga’e, Aliyyii Abbuyyee namni jedhamus keessatti kan argamu ta’uu jiraattotni dubbachuun, gochaan hidhattootni kun hawaasa nagaa irratti raawwachaa jiranis uummaticha kan yaaddesse yoo ta’u, lafa keenya irratti humnoota badii finxaaleeyyiin haala suukkanneessaan ajjeefamaa saamamaa fi qe’ee irraa buqqa’aa gidiraa hamtuu keessummeessaa, waan jirruuf Uummanni Oromoo marti sagalee nuuf ta’aa kan jedhan jiraattota godina Wallooti.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading