• Tue. Nov 24th, 2026

Chaayinaan yeroo rakkoon nageenyaa addunyaa ulfaachaa jirutti baajata ittisaa ishee %7.2n ol kaaste

Mar 5, 2024

Gabaasa Associated Pirees irraa arganne Jaal Niimoonaa Fayyisaa akka itti aanutti isiniif dhiyeessa.

Chaayinaan Kibxata har’aa darbe baajata ittisaa ishee %7.2 dabaluu ishee beeksisteetti. Chaayinaan duraanuu Ameerikaa duuba sadarkaa lammaffaa irra kan jirtu yoo ta’u, baajeta Yuuwaan tiriliyoona 1.6 (Doolaara biiliyoona 222) ramaduun, tilmaamaan daballii bara darbee calaqqisiisa.

Waldhabdeen U.S., Taayiwaan, Jaappaan fi ollaawwan Galaana Chaayinaa Kibbaa murteessaa ta’e irratti himannaa qooddatan waliin uumame, guddina teeknooloojiiwwan waraanaa teeknooloojii olaanaa dabalaa dhufan xiyyaarota dhoksaa irraa kaasee hanga xiyyaara fe’umsaa fi kuusaa meeshaa niwukilaraa guddachaa dhufuutti ilaalama.

Lakkoofsi baajata seeraa Kibxata baniinsa walgahii waggaa mana maree seera baastootaa irratti ifoome kun baasii Waraanni Bilisummaa Ummataa, kutaa waraanaa Paartii Koominiistii biyya bulchaa jiruun, erga baasii qorannoo, misoomaa fi bittaa meeshaa waraanaa biyya alaa irratti bahu ilaalameen booda baasu keessaa harka muraasa qofa ta’ee fudhatama.

“Ittisa biyyaa keenyaa fi humna waraanaa gama hundaan ammayyeessuuf tattaaffii godhamuuf wabii maallaqaa cimaa ni kennina, tarsiimoo biyyoolessaa fi dandeettii tarsiimoo walitti hidhame cimsuu fi guddisuuf ni kennina,” jechuun Lii Kii’ang yaa’ii hirmaattoota of eeggannoodhaan filataman gara 3,000 ta’anii fi amanamummaa guddaa Paartii Koominiistii fi hogganaa isaa Shii Jiinpiingiif agarsiisan irratti himan.

Baajata ittisa Chaayinaa bara 2015 irraa eegalee dachaa ol kan dabale yoo ta’u, gama biraan guddinni dinagdee biyyattii haalaan hir’ateera. Haa ta’u malee, hawwii biyyattiin U.S. fi michoota ishee Jaappaan, Kooriyaa Kibbaa, Filiippiinsii fi Awustiraaliyaa dabalatee Eeshiyaa keessatti argaman, gaaffii naannoo, hoggansa naannoo fi dhimma addunyaa irratti dubbii guddaa qaban irratti mormuuf qabdu irraan kan ka’e baajata ittisa ishee jabeessuu itti fuftee jirti jechuun Associated Pirees gabaaseera.

Leave a Reply