• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaa keessatti waraanni pp obboloota lama mana hidhaa keessaa baasuun rasaasaan ajjeesan

Mar 6, 2024

Bitootessa 6, 2024

Guyyaadhaa gara guyyaatti dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu fi lubbuu obbaasuu jiruu isaa idilee godhatee kan jiru bilxiqinnaan goleewwan Oromiyaa cufa keessatti yeroo gara yeroo hawaasa nagaa lafarraa dhabamsiisaa oola.

Jaarroota darbanii kaasee balleessaa tokko malee Oromummaaf aarsaa wareegama lubbuu kennaa kan jiru uummanni Oromoo har’as bulchiinsa abbaa irree Koloneel Abiy Ahimediin Oromiyaa dachee abbaasaa irratti hiraarfamaa jira.

Haa ta’u malee hidhaa, ajjeechaa, Saamichi fi duguuggaan Sanyii irratti jabaatus Oromoon falma abbaa biyyummaa walabummaa biyya isaaf taasisaa jiru irraa duuba deebi’ee hin beeku.

Haaluma kanaan Godina Arsii lixaa Aanaa Gadab Hasaasaa ganda Hulluuqoo jedhamu keessatti Bitootessa 1, 2024 ilmaan abbaa tokkoo maqaan isaanii, Muusaa Burqaa fi Gabiyyoo Burqaa, jedhaman waraana bilisummaa Oromoo deggertu ittiin jechuun erga hidhanii booda bakkuma isaan itti hidhamanii jiranitti rasaasa itti roobsuun ajjeesan jechuun jiraattonni Aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading