• Wed. Jan 14th, 2026

Magaalaa Shaggar Siitii bulchiinsa magaalaa Buraayyuu keessatti manneen jiraattotaa diigamuun jabaate

Mar 6, 2024

Bitootessa 6, 2024

Maqaa bareedina magaalaa fi ijaarsa seeraan alaa jedhuutiin qe’een Oromoo bulchiinsa abbaa irree Koloneel Abiy Ahimediin onaa kan jiru, Finfinnee kutaalee adda addaa keessatti ilmaan Oromoo beenyaa tokko malee manneen irratti diigamaa jiraachuu dubbatu.

Bifuma kanaanis torbee darbe irraa kaasee bifa haaraatiin Finfinnee kutaa magaalaa Shaggar Siitii bulchiinsa magaalaa Buraayyuu ganda Gafarsaa Gujee keessatti manneen jiraattotaa diigamaa waan jiruuf maatiin rakkoof saaxilamanii jiraachuunis himame.

Akka jiraattotni jedhanitti namootaan meeshaalee mana keessaa guurradhaa ajaja jedhu qofaa itti dabarsuun namoota maaliif nurratti diigdu jedhan ammoo danuu qabuun hidhaa jiraachuus dabaluun dubbatu.

Maatiileen hedduunis daa’ima waliin rakkachaa kan jiran yeroo ammaa eessa akka deemanii fi eenyutti akka himatan wallaaluun Jireenya godaansaaf saaxilamaa jiru jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading