• Mon. Mar 16th, 2026

ABO-WBO’n miseensota waraanaa haaraa leenjii waraanummaa fi siyaasaa walitti fufiinsaan kennaafii ture zoonii Kaabaatti Eebbisiise

Mar 9, 2024

ONM – ABO Bitootessa 9, 2024

Jaarmiyaan ABO-WBO humna waraanaa Oromoo gitu kan Oromoo irraa diinaa fi garboomsaa buqqisee, Oromoo walaboomsee Oromiyaa tiksu ijaaruuf qeerroo fi qarree simatee leenjii waraanummaa kenneefii eebbisuun dirqama dachaaf bobbaasaa jira.

Haaluma kanaan kaleessa Bitootessa 8, 2024 zoonii kaabaaa godina Wallootti jaarmiyaan bilisummaa sabaaf onnate ABO-WBO’n kaadhimamtoota waraana bilisummaa Oromoo leenjii barnoota siyaasaa, barruu, qajeelfamoota, tooftaa lolaa, ga’umsa qaamaa, seenaa Oromoo, bulchiinsa impaayeeraa, fedhii isaanii fi kanneen biroo irratti jabinaan kennaafii ture xumursiisee eebbisiisuun diinatti abidda qabsiisuuf bobbaasee jira.

Jaarmiyichi dhaloota garbummaa jibbe kanatti hidhannoo sammuu fi mudhii tolchuun eebba yeroo geggeessu kanatti, yeroon kun wayita uummata Oromootti garbummaan jabaate, addatti ammoo uummatni Oromoo humnoota finxaaleyyii Amaaraa bilxiginnaan tumsamaniin akka horiitti qalamaa jiru ta’uu hubachuun xiiqii fi onnee guutuun diina sabaa irratti akka bobbaa’an qondaalli WBO eebbicha irratti argame addeesseera.

Walloon lafa keenya lafeen keenyaan eegna kan jedhan ajajaan WBO zoonii kaabaa Jaal Qeeransoo Waayyuu, ulaa Oromoon dura itti cabe kana jabeessuun qabsoo akka waliigalaatti Oromoon geggeessaa jiru injifannoon duratti tarkaanfachiisnee Oromoo bilisoomsuun Oromiyaa ni walaboomsina jedheera.

ABO-WBO’n hanga Guraandhala 27’tti giddu galeessa Oromiyaa lixa Shaggar fi Bitootessa 3 mooraa zoonii lixaatti sirna hoo’aan miseensota waraana bilisummaa Oromoo haaraa eebbisiisee lolaaf bobbaasuun ni yaadatama.

Guutuu isaa oduun booda isiniif dhiyeessina.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading