ONM – ABO Bitootessa 9, 2024
Hawaasni Oromoo bara bulchiinsa sirna bilxiginnaa keessa haalli Jireenya isaanii siyaasa waliin wal qabachuun, dhukkubsatanii yaala dhabuun du’aaf saaxilamuu fi qaama hir’uu ta’anii mul’achaa jiru.
Bifuma kanaanis godina lixa Harargee aanaa Odaa Bultum araddaalee hundaa fi buufata fayyaa magaalaa Baddeessaa keessatti namootni hedduun dhibee isaanii yaalamuuf yeroo deemanitti tajaajilli kennamuu dhabuu irraan kan ka’e namootni hedduun illee du’aa jiraachuun himame.
Haadholiin ulfaa da’umsa irratti danqamaa jiraachuu fi daa’imman hedduun dhibeef saaxilamanii du’aaf Jireenya gidduuttis argamaa jiraachuun beekameera
Akka jiraattotni jedhanitti yeroo hundaa maallaqa Inshuraansii fayyaa jechuun qarshii 950 harkaa guuraa Kan turan, yeroo yaalaatti ammoo isin hin beeknu jechaa akka jiranis dabaluun himu.
Dabalataanis saamichi qabeenya jiraattotaa irratti ta’aa jiraachuun kan himamu, obbo Hamzaa Bayyan nama jedhamu lafa jireenyaa marsaa lamaaf Kan harkaa fudhatan yoo ta’u, Roozaa Hasan qarshii 30,000, haadha lammii Aheeman Ajjii qarshii 20,000, dargaggoo Naasiroo Mohaammed 10,000 fi warreen kaan ammoo qarshii 5000 harkaa fuudhaa akka turan himameera.


