ONM – ABO Bitootessa 9, 2024
Murni bilxiginnaa ilmaan haadha hiyyeessaa rakkoon dinagdee qe’ee isaanii keessa isaan deddeebisu, humnaa fi goyomsaan maatii biraa qabuun leenjii waraanummaa kennuufiin akka barcuma siyaasa isaanii tiksaniif bobbaasanis badii sirnichaa hubachuun keessaa ganuu itti fufanii jiru.
Dheengadda Bitootessa 7, 2024 miseensi raayyaa ittisa impaayerattii 1 qawwee AKM Turkii 1, boombii 2, rasaasa 150 fi hidhannoo qabachuun mooraa waraana bilxiginnaa godina Arsii bahaa aanaa Jajuu mooraa Komaandoo irraa WBO bira ga’ee jira.
Oromiyaa keessatti ajjeechaa saba isaanii irra ga’aa jiru ilaaluu kan dadhaban ilmaan Oromoo meeshaa Abiy Ahimed baatan, mooraan bilxiginnaa diinummaa Oromoof qabaachuu hubachuun du’a baduu irra saba ofiif aarsaa ta’uu wayya jechuun meeshaalee nam-tokkee hanga gareen baatan qabachuun sirnicha gananiin WBO’tti harka kennachaa jiru.
Loltuun bilxiginnaa WBO’tti harka kennatan kunis mooraan bilxiginnaa baay’ina waraanaa fi holola malee tokkummaa haamilee fi mul’ata kan hin qabneedha jechuun, sababa kanaanis ilmaan maatii jalaa qaban lola tokkoon 100 fi isaa ol lubbuun isaanii akka badu gochaa oolu jedheera.
Itti dabaluunis ilmaan Oromoo waraana bilxiginnaa keessatti hafan meeshaa isaanii fudhatanii gara WBO’tti dafanii akka makaman dhaamsa dabarseera.




