• Tue. Jan 13th, 2026

Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo keessatti finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon hawaasni ajjeefamuu fi saamamuun himame

Mar 11, 2024

ONM-ABO Bitootessa 11, 2024

Humni finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon badii Oromiyaa keessatti akka geggeesuuf murna bilxiginnaan tumsamee bobbaafamee jiru ajjeechaa fi saamicha geggeessaa jira.

Bifuma kanaanis Bitootessa 8, 2024 godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Abee Dongoroo ganda Daalachoo keessatti jaarsi biyyaa Obbo Fayyeeraa Toleeraa jedhamu Oromoo ta’uu isaatiif qofa hidhattoota Amaaraa Faannoon osoo bakka hojii isaa deemaa jiruu butamuun ajjeefamuun himame.

Aanuma Abee Dongoroo ganda Iddoo-Kuusaa naannoo addaa Andoodee jedhamutti finxaaleeyyiin Amaaraa Faannoon maatii Obbo Beenkuu Abdii jedhamu haadha manaa isaa fi ilmasaa bakka tokkotti qaluun qabeenyaa fi horii isaaniis akkasuma kan namoota naannichaa saamanii fudhatanii deemuu jiraattonni himaniiru.

Dabalataanis gareen finxaaleeyyii Amaaraa kunneen mootummaa impaayera Itoophiyaa bulchaa jiruun tumsamanii godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti leenjii fudhachaa jiraachuus jiraattotni dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading