ONM-ABO Bitootessa 12, 2024
Uummata nagaa qe’ee isaaniitti sochii itti taasisuun manaa ala gochaa kan jiran hidhattootni shiftaan sirnichaa ajaja Kolonel Abiy Ahimediin bobbaafaman ilmaan Oromoo lakkoofsaan hedduu ta’an bara kana keessa qofa manneen isaanii irratti gubuun harka namaa ilaaluuf akka dirqaman, akkasumad jiruu kadhaatiif akka dirqaman godhaa jiru.
Haaluma kanaan guyyaa har’aa jechuun Bitootessa 12, 2024 godina lixa Shaggar aanaa Dandii ganda Daannisa Shoonnoo keessatti waraanni sirnichaa manneen qonnaan bultoota lamaa mi’a mana keessaa waliin gubanii barbadeessuu jiraattotni ONM’tti himan.
Namoonni manneen isaanii jalaa gubate kunneenis maqaan isaanii Kormee Warquu fi Tarruu Urgeessaa kanneen jedhamaniidha.
Akka jiraattotni jedhanitti namonni manneen isaanii jalaa gubate kunneen namoota nagaa hojii qonnaa irratti bobbaa’uun ofii fi maatii isaanii jiraachisan malee namoota siyaasa hin beekne ta’uus dabaluun ibsaniiru.



