• Mon. Jan 12th, 2026

Namoota guyyaa kaleessaa hidhattoota Faannoon aanaa Jiillee Dhummuggaatti ajjeefaman maqaa isaanii ONM jiraattota irraa qulqulleefate

Mar 12, 2024

ONM-ABO Bitootessa 12, 2024

Hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa murna bilxiginnaan tumsamanii duula duguuggaa sanyii Oromoota Walloo irratti raawwachaa jiran, kan duraa caalaa daran jabeessuun ajjeechaa fi buqqaatii akkasumas, saamicha irratti raawwachuun hawaasichi gidiraa hamtuu keessummeessaa jira,

Haaluma kanaan Bitootessa 11,2024 jechuunis lola hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoo kunneen aanaa jiillee Dhummuuggaa bakka addaa Baalcii jedhamutti uummata nagaa irratti taasisaa oolaniin namoonni hedduun ajjeefamuu fi gariin madaa’uun barame.

Namootni hidhattoota finxaaleeyyii Amaaraa faannootiin gaafa Bitootessa 11, 2024 ajjeefaman; Sa’id Ahimed Abbaayyee, Jamaal Xoyib, Arboo Aliyyii, Sa’id Mohaammed Abbagaar, Aliyyii Tasfaahuu Nugusee, kanneen yoo ta’an, warrootni madaa’an ammoo kan maqaan nu ga’e Muhee Nuuriyyee, Iyyaasuu Aliyyii, Ahimed Umar Adam, Shee Huseen Ahimed, Sulxaan Abbaa Alii, Ahimed Mohaammed Aliitoo, Adam Usmaan, Sa’id Ahimed Zarraaf, Aliyoo Hasanuu kanneen jedhaman hidhattoota kanaan madaa’anii akka jiranis himaniiru

Akka jiraattotni jedhanitti lolli kun kan hin dhaabbannee fi dukkanni akka adda baase himuun hidhattootni finxaaleeyyii Amaaraa faannoon kunis humna dabalataa ida’achuun wal guuraa akka jirtu himuun murni bilxiginnaas hidhattoota kan waan ofii tumseef yeroo isaan uummata nagaa irratti ajjeechaa, saamicha, gubaatii manneenii fi, dhiibbaa gurgguddaa hawaasa Oromoo irratti raawwatan callisee ilaalaa akka jirus dabaluun dubbataniiru.

Dabalataanis sochiin konkolaataa dhorkamuun uummanni rakkachaa kan jiru yoo ta’u Caffaa Roobit irraa karaa fageenya qabu miilaan deemuun Harree fi Gaalaan midhaan nyaataa gara Furseetti fudhachaa jiraachuu himuun kallattii hundaan, uummatni rakkoo adda addaa argaa jiraachuu fi haala kanaan itti fuufnaan, finxaaleeyyii qofaan osoo hin taane murni biyyan bulcha jedhus dhiibbaa nurratti uumaa waan jiruuf haalli jireenya keenyaa akkaan yaaddessaadha kan jedhan jiraattota godina Wallooti,

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading