• Tue. Jan 13th, 2026

Hoggantoonni mormitoota olaanoo Senegaal Sonkoo, Faayyeen mana hidhaatii bahan jedhe abukaatoon

Mar 15, 2024

ONM-ABO Bitooteessa 15, 2024

Abukaatoon hoggantoota mormitoota Senegaal Cheeyik Kuureyisi Ba’n hidhamtootni siyaasaa kun fuuldura keenyatti ba’an jechuun gaazexeessaa AFP yeroo namootni baay’een mana hidhaa keessaa konkolaataan ba’an argee gaafatetti himan.

Gadhiifamuun isaanii erga Pirezidaantiin Maakii Saal sagalee pirezidaantii Guraandhala 25 kennamu yeroo biraatti dabarsaniin booda rakkoo torban hedduu mudate hordofeeti.

Duula filannoo pirezidaantummaas haala ajaa’ibaatiin jijjiiruu danda’a, dubbiin cimaan Sonkoon dubbate dargaggoota filattoota kan hawwatu ta’a jedhameera.

Sonkoon wiirtuu waldhabdee hadhaa’aa waggoota lamaaf mootummaa waliin kan ture yoo ta’u, ji’a Adoolessa irraa eegalee mana hidhaa keessa jira.

Dhimmi seeraa isa irratti baname, waldhabdee dinagdee fi hawaasummaa waliin bara 2021 hanga 2023 gidduutti jeequmsa lubbuu namaa galaafatu uume.

Filannoo pirezidaantii bara 2019 irratti gareen mormituu kun sadarkaa 3’ffaa bahuun bara 2024’tti dorgomuu irraa dhorkamee ture.

Sana booda Sonkoon Faayee, Ebla 2023 irraa eegalee mana hidhaa keessa ture, waraqaa filannoo irratti bakka isaa akka bu’u raggaasiseera.

Dorgomtoota ijoo pirezidaantummaaf dorgoman keessaa tokko kan ta’an Faayeen erga duula filannoo Bitootessa 9 eegalee qaamaan filattotaatti haasa’uu hin dandeenye.

Sonkoon mana hidhaatii osoo hin ba’in durallee, oduun bilisa ta’uu akka danda’u miidiyaa hawaasaa irratti naanna’uu waan jalqabeef, jiraattonni Daakaar hedduun daandii irratti ba’anii ayyaaneffachaa turan.

Konkolaattonni fi namoonni miillaan deeman alaabaa Senegaal mirmirsan mana hidhaa kibba Daakaar bakka mormitoonni lamaan itti hidhamanitti walitti qabamanii turan.

“Sonko ni jaallanna” jechuun dhaadannoo dhageessisan.

Gadhiifamuun kun kan ba’e erga Pirezidaanti Saal bara 2021 irraa eegalee gochoota hiriira siyaasaa waliin walqabatee raawwatamaniif dhiifama kennuuf wixinee labsii yaada dhiyeessan booda.

Saal bara kana irra deebiin filatamuuf hin danda’u. Sagalee pirezidaantii Guraandhala yeroo biraatti dabarsuuf murteen isaan daqiiqaa dhumaa irratti dabarsan walitti bu’iinsa uumuun sababa kanaan namootni afur du’aniiru.

Rakkoo siyaasaa ji’a tokkoof mudatee booda dhumarratti guyyaan filannoo haaraan Bitootessa 24’tti murtaa’eera.

Bara 2021 irraa eegalee jeequmsi ka’e, biyya yeroo baay’ee Afrikaa Dhihaa fonqolcha mootummaatiin miidhamte keessatti akka dallaa tasgabbiitti ilaalamtu keessatti namoota kudhanootaan lakkaa’aman kan ajjeese yoo ta’u, namoota dhibbaan lakkaa’aman to’annoo jala oolchuuf sababa ta’eera.

Namni mormituu kun fincila kakaasuu, gareewwan shororkeessummaa waliin shira xaxuu fi nageenya mootummaa balaaf saaxiluu dabalatee himaannaawwan biroo walitti fufiinsaan dhiyaataniin dhuma baatii Adoolessaa irraa eegalee mana hidhaa keessa ture, Paartiin siyaasaa isaas diigamee jira jechuun Ajaansi Firaansi Pirees gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading