ONM-ABO Bitootessa 16, 2024
Uummata Oromoo ajjeechaan fixuu dadhabnaan murni bilxiginnaa amma ammoo tooftaa jijjiiruun uummata baadiyyaa irraa dhufanii midhaan bitatan ba’insa isaanii eeguun karaa gubbaatti midhaanii qabee wantoota inni qabatee jiru guutummaatti uummata gandoota aanichaa irraa gabaa Gidaamii deeman karaatti eeguun hidhattootni sirnichaa saamaa jiraachuu dubbatu.
Haaluma kanaan torban kana irraa eegaluun gandoota akka Kurii dabalatee namoota baadiyyaa irraa gara magaalaa geeffatanii buna gurgurachuun midhaan bitatanii deebi’an hidhattootni sirnichaa karaatti eeguun harkaa saamuu jiraattotni dubbatu.
Akka jiraattotni jedhanitti uummanni baadiyyaa aanichaa bakkeewwan hedduutti saamichi irratti raawwatamuu dubbachuun ilaalchi hidhattoota kanneenis uummata baadiyyaa guutummaatti akka waan Waraana Bilisummaa Oromoo ta’aniitti fudhachuun gochoota kanneenis akka irratti raawwatan dubbatu.
Dabalataanis uummaticha beelaan fixuuf karoora isaanii isa jalqabaa ta’uu dubbachuun haalli uummanni gandoota aanichaa yeroo ammaa keessa jiranis akkaan egereen isaanii yaaddessuus ibsaniiru.



