• Wed. Jan 14th, 2026

Oromiyaa keessatti caasaan bilxiginnaa lammiileen dirqiin buukii Baankii Siinqee banadhaa jechaa jiraachuun barame

Mar 19, 2024

ONM-ABO Bitootessa 19, 2024

Bakka cufatti, bara hojii isaa keessatti, waan uummata fayyadu osoo hin taane, waan siyaasa isaa jabeessu qofa hojjechuu irratti kan fuulleffate bilxiginnaan Oromiyaa bakka maratti lammiilee Oromiyaan buukii baankii Siinqee banadhaa jechuun dararaa jira.

Akka jiraattotni godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Asaasaa dubbatanitti magaalaa Asaasaa keessatti hawaasa daandii gubbaa deeman, baajaajii dhaabsisuun, akkasumas manneen hojii irra deemuun dirqamaan buukii Baankii Siinqee akka banatan taasisaa jiru.

Gandoota baadiyyaa aanichaa keessatti ammoo qonnaan bultoota irratti waldaalee fi afoosha hawaasaan dirqama kan gadi buusan yoo ta’u, qonnaan bultootni sanyii fi xaa’oo fudhachuuf, fayyadamaa baankii Siinqee ta’uu akka qaban murteessaniiru.

Kana malees magaalaa keessatti tajaajilli hawaasaa miseensummaa baankichaa fi deggersa milishaaf taasisan irratti hundaa’uu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himuun bulchiinsa Abiy Ahimed jalatti jiraachuun ulfaachuu dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading