ONM-ABO Bitootessa 19, 2024
Gareen faashistii PP aangoo irra bubbuluuf ilmaan haadha hiyyeessaa maatii biraa humnaan qabuun leenjii waraanummaa kenneefii qe’ee Oromootti bobbaasuun yakka namoomaa raawwachaa jiru mormuun hidhattootni sirnichaa sabaan Oromoo ta’an WBO’tti harka kennachuu itti fufanii jiru.
Akka kanaanis dheengadda Bitootessa 17, 2024 godina baha Shaggar aanaa Fantaallee mooraa ganda Faatee keessaa loltootni murna bilxiginnaa 3 qawwee Turkii 3 fi hidhannoo 3 qabachuun WBO zoonii bahaatti harka kennatanii jiru.
Loltoota bilxiginnaa 3’n sabaan Oromoo ta’an kanaaf simannaa hoo’aan gooticha Waraana Bilisummaa Oromoon taasifamuufiin siyaasaa fi adeemsa bilxiginnaan Oromiyaa keessatti deemaa jiru Oromoo lafa irraa haxaa’uu akka ta’e hubachiifameera.
Ilmaan Oromoo kunneenis daba sirnichi Oromoof qabu akka hubatan kaasuun, ilmaan Oromoo achi keessatti hafanii qawwee diinaa baatanii jiran, qawwee fi hidhannoo isaanii waliin gara qabsoo bilisummaa Oromootti harka akka kennatan dhaamsa dabarsaniifii jiru.







