• Sat. May 9th, 2026

Lixa Shaggar magaalaa Amboo keessatti namootni hedduun gandoota baadiyyaa aanichaa keessaa qabamuun hiraarfamni jabaan irratti geggeefamaa jiraachuu maddeen himan

Mar 19, 2024

ONM-ABO Bitootessa 19, 2024

Hiraarfamni ilmaan Oromoo irratti bara bilxiginnaan biyya bulchaa jirra jedhan keessa kan mootummoota abbaa irree darbanii dachaa caaluun, namoonni hedduun mana murtiitti osoo hin dhihaatin ajjeefamuu bira darbee mana hidhaa dhoksaa fi dararriin itti hammaatu keessatti gidirfamaa jiru.

Bitootessa 16, 2024 waraanni shiftaa koloneel Abiy Ahimediin hoogganamu namoota baay’inni isaanii lakkoofsaan kudha afur(14) ta’an gandoota baadiyyaa aanichaa keessaa walitti qabuun magaalaa Amboo mooraa farra Riphee Lolaa buufata konkolaataa gararraatti argamutti hidhamuun halkanii guyyaa reebichi daangaa hin qabne irratti geggeefamaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Namoota hidhaman keessaa kanneen maqaa arganne; Alamuu Tarreessaa abbaa maatii, Dingataa Alee, Tamasgeen Shibbiruu, Yoonee Kaaftaamuu, Tigistee Shibbiruu fi Kariim Shifarraa abbaa maatii 4 haala ulfaataa keessa jiraachuu himan.

Akka maddeen jedhanitti halkan halkan reebicha ulfaataa irratti geggeefamuun hedduu miidhamuu isaanii ibsuun, halkan uummanni naannawwaa sanatti galu iyya isaaniifuu jeeqamuus dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading