• Sat. Mar 14th, 2026

Magaalaa Shaggar Siitii kutaa magaalaa Buraayyuu keessatti dargaggoonni sadii qabamuun achi buutee dhabamsifaman

Mar 20, 2024

ONM-ABO Bitootessa 20, 2024

Murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo bakka dhaloota isaaniin qoodee magaalaa Buraayyuu dabalatee bakkeewwan hedduutti ajjeechaa hanga hidhaa irratti raawwachaa jira.

Oromiyaa keessatti erga murni bilxiginnaa aangoo impaayerattiitti dhufee kaasee namuu bakka tokkoo gara bakka biraatti imaluuf dararaa guddoo argaa kan jiru yoo ta’u, maqaa ergama Waraana Bilisummaa Oromoo qabdaatiin namoonni nagaan hedduu rakkachaa jiru.

Guyyaa kaleessaa jechuun Bitootessa 19, 2024 magaalaa Buraayyuu bakka Dirree jedhamuun beekamutti dargaggoota sadii kanneen maqaan isaanii Tolasaa Addunyaa, Firoomsaa, Biraanuu fi Abbittii Jifaaraa jedhaman hidhattootni sirnichaa halkan irra toora sa’a ja’aatti mana isaan kireeffatanii keessa ta’aanii qabanii bakki isaan buusan hin beekamin jiraachuu hiriyaan isaanii tokko ONM’tti himeera.

Akka hiriyaan isaanii kun jedhetti dargaggoonni kunneen dhalootaan lixa Oromiyaa yoo ta’an dargaggoota hojii guyyaa hojjechuun of jiraachisan jechuun, magaalicha keessas ji’a sadii fi isaa ol akka turanis hima.

Dabaluun mana hidhaa magaalichaa keessa jiru deddeebiin iyyafatus argachuu akka hin dandeenyee fi dargaggoota kanneen bakki isaan buusanii hanga ammaatti hin beekamin jiraachuus dabaluun himeera.

Akkuma beekamu Ilmaan Oromoo Oromiyaa keessatti wabii jireenyaa dhabuun lafa deeman hundatti adamfamuun ajjeefamuu fi achi buuteen isaanii dhabamuun maatiin reeffa isaanii arganii awwaallachuun gadda taa’uun yeroo itti dhabame ta’ee jira.

Akkasumas namoota bakka tokkoo gara bakka biraatti dabarsanii ajjeesuu fi hidhuun illee waggoota muraasaan asitti daran murna bilxiginnaan uummata irratti barsiifata ta’uun geggeefamaa jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading