ONM-ABO Bitooteessa 22, 2024
Humnootni impaayera Itoophiyaa suphuuf ijaaraman godina baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa keessatti Bitootessa 21, 2024 karaa daangaa Beenishaangul Gumuz aanaa Sogee irraan seenuun manneen 100 ol gubuu fi namoota ajjeesuun himame.
Maqaa qindoominaa fi caasaa keenya waliin hojjetu jedhuun murni bilxiginnaa Oromiyaatti humna addaa Beenishaangul Gumuz seensisuun guyyaa kaleessa ganama irraa eegalee aanaa Saasiggaa ganda Bareedduu Baloo jedhamu keessatti gochoota suukkanneessaa midhaan qonnaan bultootaa fi manneen gubuu akkasumas horii saamuun beekame.
Obbo Naannaa Mohaammed ajjeesuun, Abdiisaa, Faaxumaa Mohaammed fi Abdallaa Usmaanee yoo madeessan manneen gubatee fi namootni qabeenyaan jalaa manca’e muraasni kan maqaa arganne armaan gadiitti heeramaniiru.
sheek Abduulbakir midhaan Kuntaala 100 mana lama waliin yoo guban, obbo Indiris Bakaree, Kaliifaa Aliyyii midhaan Kuntaala 100 fi dukkaana maallaqa kuma dhibba sadii olitti tilmaamu waliin gubuun, Musaa Usmaan, Adam Dakkaa, Ibroo Yuusuuf, Mikaa’eel Umaree akkasumas Ahimed Aliyyii kanneen Jedhaman dabalatee manneen jiraattotaa 100 ol gubuun himame.
Kaayyoon murni bilxiginnaa humnoota hidhatan Oromiyaa seensisee hawaasa nagaa rukuchiisaa jiruuf, uummata Oromoo hidhata WBO waliin qabduun ragaa sobaan yakkee osoo qaama seeraaf namoota dhiyeessuu qabuu, Oromummaa balleessuu qofaa irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira jechuun jiraattotni dubbatu.


