ONM-ABO Bitooteessa 22, 2024
Imaan Oromoo manneen hidhaa impaayerattii keessatti argaman lakkoofsaan hedduu ta’an murtii seeraa malee mana hidhaa aanaa irraa kaasee hanga godina fi mana hidhaa dhoksaa keessatti argaman hedduu dararamaa jiraachuun isaanii kan beekamuudha.
Magaalaa Walisoo keessatti dargaggoonni hedduun maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun baatii shanii fi isaa ol achi keessatti hidhamanii jiran osoo mana murtiitti hin dhihaatin jiraachuu maatiin hidhamtootaa tokko tokko ONM’tti himaniiru.
Dargaggoonni qabaman kunneen aanota godinichaa keessatti argaman keessaa achitti kan hidhamanii fi gandootuma aanaa Walisoo keessaayis kan keessatti argamaniidhas jedhaniiru.
Dabaluun akka jedhanitti dargaggoonni mana hidhichaa keessatti aanota godinichaa irraa guuramuun achitti dararamaa jiran lakkoofsaan dhibbaaf shantamaa (150) ol akka ta’an dubbachuun, haalli isaan keessa jiranis reebichaa fi manni hidhaa waan guutee jiruuf bakkee keessatti aduuf qorraan dararamaa jirus jedhaniiru.
Mana hidhichaa keessaa halkan halkan dhoksaan baasanii iddoo biraatti geessuun ajjeesanii dhoksuu fi achi buutee dhabamsiisuunis daran hammaatee jiraachuus dabaluun ibsaniiru.




