ONM-ABO Bitootessa 23, 2024
Bitootessa 21, 2024 hidhattootni naannoo Beenishaangul Gumuz aanaa Sogee irraa daangaa Oromiyaa cabsuun seenan jiraattota aanaa Saasiggaa ganda Bareedduu Baloo guutummaatti manneen isaanii gubuun qe’ee irraa godaansisaa turan.
Akka jiraataan aanaa Saasiggaa ONM’tti himetti, kaadirootni murna maafi’aa PP humna addaa naannoo Beenishaangul Gumuz fi raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa waliin qindaa’uun ganama obboroon ganda Bareedduu Baloo seenan jechuun dubbata.
keessattuu saamicha, ajjeechaa fi qe’ee irraa namoota buqqisaa akka turan kan himamu, namootni guyyaa dheengaddaatii kaasee qe’ee irraa buqqaa’anis hanga gabaasni Kun qindaa’etti furmaata tokko malee nyaataa fi bakka bulmaataa dhabuun hiraarfamaa jirus jechuun himu.
Daa’immaniif maanguddoota dabalatee namoonni hedduun bakka jireenyaa dhabuun gandoota ollaa isaaniitti godaananii rakkoo jabduu keessa jiraachuus ibsan.
Hawaasni shira murni bilxiginnaa itti qindeesseen rakkoo argaa jiran kunneen, qaamni mirga namoomaaf falmu kamuu dhimma keenya itti siqeenyaan nuuf hordofuu qaba jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

