ONM-ABO Bitootessa 27, 2024
Rakkoon impaayerattii kallattii nagaa fi wal mariin furamuu qaba jechuun haala siyaasa wal xaxaa bulchiinsa Abiy Ahimed waliin rakkachaa kan jirtu Ameerikaan ibsa kaleessa karaa imbaasii ishee Itoophiyaa jiruun ibsiteen, haleellaa lammiilee nagaa Kaaba Oromiyaa godina Walloo keessatti raawwatameen gabaasa lammiilee nagaa du’anii fi madaa’anii ba’aa jiru irraa yaaddoo qabaachuu ibsite.
Ibsa maqaa Ambaassadar Erviin Maasiingaa jedhuun toora X duraan Twitter ture irratti maxxane akka ibsutti ajjeechaa, madaa’uu fi qe’ee irraa buqqifamuu lammiilee nagaa irratti raawwateef US Ameerikaan yaaddoo qabaachuu ibsuun qaamni kamuu jeequmsa fayyadamuun lammiilee mana keessaa ari’uu hin qabu jedhan.
Itti dabaluunis rakkoolee siyaasaa fi nageenyaa walxaxaa Itoophiyaa mudate furuuf eegumsa lammiilee nagaa fi mariif kutannoo akka qabaatan gaafanna jechuun barruu kaleessa rakkoo godina Walloo keessatti uumame ilaalchisuun baasan irraa hubachuun ni danda’ama.


