ONM-ABO Bitootessa 27, 2024
Bilxiginnaan caasaan isaa bututuun waan qabee gadhiisuu wallaaluu irraan kan kee yeroo ammaa guutuu Oromiyaa keessatti namoota nagaa caasaa akka feetee sirnichaan dararaa fi sarbaminsi mirgoota namoomaa irratti raawwachaa jira.
Bifuma kanaanis Bitootessa 25, 2024 godina Lixa Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel bulchiinsa magaalaa Baabboo keessatti ajajaan waraanaa raayyaa ittisa impaayeratti ona Baabboo Gambeel keessa jiru rakkoo hanqina maallaqaa sirnicha mudatee jiruun waraana isaa bobbaasee hojjettoota faayinaansii reebuun miidhaa qaamaa irraan akka ga’es beekameera.
Akka maddeen onichaa Arrata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti, ajajaan waraanaa sabaan Amaaraa ta’e kun, bakka hojjettoonni waajjira faayinaansii kutaa isaanii keessa jiranitti itti seenuun reebicha ulfaataa irraan akka ga’es dubbatu.
Hojjettoota reebaman keessaa muraasa maqaa kan arganne aaddee Dassaatuu fi obbo Dabalii kanneen jedhaman dabalatee namoonni achi keessatti argaman hunduu akka miidhamanis himaniiru.
Ajajaan kun waajjiira faayinaansii keessaa erga ba’een boodas namoota daandii irratti argaman hedduu reebuu fi miidhaalee qaamaaf saaxiluus dabaluun himaniiru.



