ONM-ABO Bitooteessa 29, 2024
Yeroo biyyoonni warra Lixaa fi hidhattoonni Huutii Galaana Diimaa irratti wal gaareffataa jiran kanatti, dooniin waraanaa Humna Galaanaa Raashiyaa ulaa Galaana Diimaa guddoo kan taate Mitsuwwaa qaqqabuun dhaga’ame.
Haleellaa finciltoonni Huutii Iraaniin deggaraman dooniiwwan karaa Galaana Diimaa darban irratti raawwatan dhaabsisuudhaaf biyyoonni Ameerikaatiin durfaman humnoota isaanii Galaana Diimaatti bobbaasuun isaanii ni yaadatama.
Akka addunyaatti toora dooniiwwan daldalaa irra deddeebi’an isa guddaa kan ta’e Galaana Diimaa irratti wayita humnoonni biyyoota gara garaa bobba’anii jiranittidha dooniin waraanaa Raashiyaa kun kan gara ulaa galaanaa Eritraa, Mitsuwwaa dhuftee buufatte.
Daawwannaan dooniin waraanaa Humna Galaanaa Raashiyaa Shaaposhinkov jedhamtu kun taasiste kanaan dura Mitsuwwaatti ta’ee kan hin beekneedha.
Dooniin waraanaa Raashiyaa kun ulaa Eertiraa kan qaqqabde Kamisa kaleessaa, Bitootessa 28, 2024 ture.
Yeroo dooniin waraanaa kun Eertiraa qaqqabdutti ajajoota waraanaa olaanoo fi aanga’oota Eertiraa dabalatee Eertiraatti ambaasaaddarri Raashiyaa argamaniiru.
Ministirri Beeksisaa Eertiraa Yamaanee Gabre-Masqal fuula Tiwiteerii irratti akka barreessanitti, dooniin waraanaa Raashiyaa kun miseensa garee humna galaanaa Raashiyaa Paasfik jiruuti.
Dooniin waraanaa Shaaposhinkov jedhamtu kun turtii guyyoota shaniif gara ulaa Eertiraa kan dhufteef, “Waggaa 30’ffaa Eertiraa fi Raashiyaan hariiroo dippilomaasii itti jalqaban kabajuuf dhufte,” jedhan ministirri beeksisaa Eertiraa Yamaanee Gabre-Masqal.
Morkattuu Raashiyaa kan taate Ameerikaan, haleellaa warri Huutii dooniiwwan daldalaa irratti raawwatan ittisuudhaaf garee humna waraanaashee Galaana Diimaa fi Galoo Galaanaa Eden irratti bobbaasuun ishee ni yaadatama.
Sochii loltootaa naannicha keessatti biyyoonni Lixaa taasisan ija shakkiitiin kan ilaaltu Ertiraan, dhiyeenya kana waliigaltee hariiroo Raashiyaa waliin qabdu ittiin cimsatte tolfatteetti.
Bara darbe dhuma ji’a Caamsaa keessa Pirezidant Isaayyaas Af-warqii Pirezidant Vilaadmiir Puutiniin affeeramanii Mooskootti daawwannaa taasisuudhaan dhimmoota gara garaa irratti mariyatanii turan jechuun BBC’n gabaaseera.








