ONM-ABO Bitooteessa 29, 2024
Murni abdii kutatee jiru bilxiginnaan Oromiyaa keessatti yeroo ammaa duula ajjeechaa, saamicha, hidhaa, fi gubaatii manneen namootaa irratti xiyyeeffachuun guyyuu gochoota uummata rifaasisanii fi hiyyummaatti isaan hambisu raawwachaa jiru.
Guyyaa kaleessaa jechuun Bitootessa 28, 2024 godina Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Siifaa Battee fi Nuuraa Haasee keessatti manneen gubuun, miidhaan saamuun gudeeddii fi uummata qe’ee irraa buqqisuun waraana sirnichi hawaasa nagaatti bobbaaseen raawwatameera.
Oromiyaa iddoowwan adda addaatti gochoonni wal fakkaataan geggeefamaa kan jiru yoo ta’u, uummanni nagaanis haala cigaasiisaa ta’een gidirfamaa kan jiran yoo ta’u, namootni gochoonni fokkisoon irratti raawwatame kunneenis maqaan isaanii Goshaa Markabuu jalaa mana gubuun meeshaa mana keessa jiru guutummaatti fi horii shan waliin jalaa fudhatan, Aadam Bashir mana gubuun qabeenya saaman, Musxafaa Ammee mana jalaa gubuun horii afur jalaa fudhatanii deemuu jiraattotni himan.
Hawaasni manneen isaanii jalaa gubatee fi saamame hedduu ta’an illee hanga gabaasni kun qindaa’etti manneen gandoota lameen kana keessaa gubachaa jiraachuu fi ammaaf kan maqaan isaanii nu hin geenye ta’us, guutuu isaa akkaataa nu qaqqabeen kan isiniif dhiheessinu ta’a.
Tarkaanfii waraanni faashistii PP’n aanaa Boosat gandoota kanneen keesssatti guyyaa kaleessaa fudhatan kanaan namoonni hedduunis midhamuun Aadam Bashir dabalatee dubartoota gudeedaman waliin magaalaa Adaamaatti yaalamaa jiraachuu isaaniis jiraattotni ONM’tti himaniiru.



