ONM-ABO Bitooteessa 29, 2024
Meeshaalee gurguddaa silaa daangaa biyyaan eegan uummata keessatti fayyadamuun uummata fayyaalessa mana isaa waliin gubaa kan jiru PP’n, gocha isaa abaaramaa itti fufuun godina Gujii Lixaa aanaa Dugdaa Daawwaatti Bitootessa 25-27, 2024’tti meeshaalee gurguddaa kanneen akka BM, Madaafaa fi ZU-23 uummatatti dhukaasee lubbuu namootaa galaafachuu fi qabeenyaan uummataas barbadaa’uun beekameera.
Aanaa Dugdaa Daawwaa gandoota akka:- Gooroo Baaliitti namoota 3, ganda Cameetti namoota 3, ganda Hiddii Haasuutti namoota 2 fi ganda Gaala Rime’aatti nama 1 rasaasa Moorteraatiin fixuu jiraattonni dubbataniiru.
Akka jiraattonni jedhanitti, jiraattonni gandoota kana keessa jiraatan manaa fi qabeenyaa isaanii dhiisuun baqatanii bosona kan jiran yoo ta’u, manneen jireenyaa uummataa jumlaan gubataa jiraachuus himaniiru.
Haadholiin ulfaa, maanguddoonni fi dhukkubsattoonni mana keessatti waliin gubataa fi rakkataa jiraachuu himuun, uummanni aanichaa rakkoo guddaaf saaxilamee akka jirus dabaluun ibsaniiru.
Waraanni impaayerattii uummata kora baasuun isin fixna jedhee itti dhaadhataa kan ture yoo ta’u, uummanni yoo gaaffii gaafate, ilaalcha WBO qabda jechuun ajjeesaa akka jiranis dubbataniiru.
Uummata hojii qonnaa oolee galuun WBO biraa dhufte jechuun qabanii hidhaa fi ajjeesaa horii uummataa isa kaan ofii qalatanii nyaataa, isa kaan ammoo meeshaa gurguddaan fixaa, uummaticha gadadoof saaxilaa jiru jechuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.




