ONM-ABO Bitooteessa 29, 2024
Hacuuccaa fi hammeenyi ilmaan Oromoo irratti erga koloneel Abiy Ahimed gara aangootti dhufee kaasee raawwatamaa jiru kan daangaa hin qabnee fi Oromoo lafa irraa balleessuuf akkasumas dinagdeen boodatti hambisuuf karoora isaanii isa jalqabaa yoo ta’u, uummata nagaa jalaa manni gubatee barbadaa’uu fi saamicha irratti raawwatamaa jiruun haala yaadessaa keessatti argamu.
Bitootessa 26, 2024
Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Xiilloo bakka Naqa Fardaa jedhamuun beekamutti waraanni sirnichaa bobbaafaman midhaan dabalatee mi’a mana keessaa gubuun qabeenyaas saaman.
Namoonni qabeenyi isaanii jalaa saamame fi midhaan isaanii gubachuun jalaa barbadaa’e kunneenis maqaan isaanii Yaasin Ballaxaa Shuree jalaa midhaan kuntaala 22 fi qabeenya mana guutuu waliin saaman, Abuluu Alii Lamuu jalaa midhaan kuntaala 23 qabeenya mana guutuu waliin, Kamaal Wandimmuu Lamuu midhaan kuntaala 10, Kibbabuu Jarfuu Moosaa mi’a mana keessaa dabalatee mana jalaa guban, Jibbaa Sanbatoo mi’a mana keessaa dabalatee midhaan jalaa guban, Daawwit Taaffasaa Taliilaa mi’a mana keessaa dabalatee midhaan guban. Gammachuu Ayyaanaa mi’a mana keessaa midhaan waliin jalaa gubuun barbadeessan jechuun jiraattotni himaniiru.
Namoonni gochoonni kunneen irratti raawwatame kunneen namoota nagaa hojii qonnaa irratti bobba’uun jiraatan yoo ta’an, maqaa WBO deggertu jedhuun manneen isaanii jalaa gubachuunii fi qabeenyi isaanii akka saamame dabaluun ibsaniiru.
