ONM-ABO Bitootessa 30, 2024
Qe’een uummata Oromoo murna bilxiginnaa jalatti gadda ulfaataa uffachuun bara haati Oromoo kabaja dhabuun ilmaan ishee waliin bakka tokkotti hidhattoota murna bilxiginnaan ajjeefaman keessa jira uummanni Oromoo.
Baha Shaggar aanaa Fantaallee araddaa Qolaa ganda Saaraa keessatti hidhattootni maqaa sakatta’insa WBO’n gandichatti bobbaafaman kaleessa Bitootessa 29, 2024 haadhaa fi ilmaan ishee lamaan rasaasaan tumanii ajjeesuu jiraattotni ONM’tti himaniiru.
Haati ilmaan ishee waliin ajjeefamte kunis Haloo Alii Wadaay kan jedhamtu yoo taatu ilmaan ishee ajjeefaman ammoo Moominaa Alii Sayid fi Maroo Abdii Hasan kanneen jedhamaniidha jechuun jiraattotni ONM’tti himaniiru.
Haati kun ajjeechaa waraanni faashistii PP ilmaan ishee bakka tiksee horii gandichaa bakka addaa Dugda Jabbii jedhamu irratti raawwatan dhageessee, boo’aa reeffa kaasachuuf yeroo fiigaa dhaqxu ishees irratti akka ajjeesan barameera.
Gara jabeenyi sirnichi ilmaan Oromoo irratti hidhattoota sirnichaan raawwachaa jiru kan seenaa addunyaa keessatti raawwatee hin beeknee fi haala kanaan itti fufnaan egeree sabichaaf yaadeessaa ta’uus dabaluun ibsaniiru.


