ONM-ABO Bitootessa 30, 2024
Gareen ajjeechaa dhoksaa Oromiyaa keessatti raawwachuuf Abiy Ahimed, Shimallis Abdisaafaan bobbaafamanii jiran duula duguuggaa sanyii raawwachaa jiran daran jabeessuun uummanni nagaanis xinnaa hanga guddaatti haala suukkanneessaan lubbuu isaa dhabaa jira.
Murna bilxiginnaa jalatti gidiraa hamaan irratti geggeefamaa kan jiru uummanni Oromoo qe’ee isaa irratti tuffatamuun gidiraan hanga kana hin jedhamne irratti raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, godina Arsii Bahaa aanaa Jajuu ganda Hurutaa Dooree iddoo addaa Addis Hiwoot jedhamu fi Saame keessatti ajjeechaa, reebichi fi hidhaan hidhattoota sirnichaan hawaasa nagaa irratti geggeeffamaa jiraachuu jiraattotni ibsan.
Dargaggoo umurii 17 kan maqaan isaa Maammud Haajii Siiqu jedhamu maatii biraa gadi baasuun rasaasaan tumanii ajjeesuu jiraattotni himan.
Kana malees dubartii waggaa 60 kan taate kan maqaan ishii Birrii Mahaammad fi maanguddoo Abdallaa Amaan jedhamu reebicha ulfaataa erga irratti raawwataniin booda mana hidhaatti galchuun hidhanii dararaa jiraachuu jiraattonni ONM’f himaniiru.
Akka jiraattotni kunneen jedhanitti namoonni hedduun reebichi hamaan irratti raawwatamuun hidhamanii akka jiranii fi mana hidhaa keessatti sababa dhukkubaan haalli isaan keessa jiran yaaddessaa ta’uu dabaluun ibsaniiru.




