ONM-ABO Bitootessa 31, 2024
Bilxiginnaan namoota nagaa sobaan yakkuun goleelee Oromiyaa adda addaa kessaatti uummata Oromoo irratti yakka sanyii duguuggaa irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, gocha shororkeessaa isaa irraa barachuu dadhabuun uummata nagaa nam-tokkee hanga jumlan fixuutti ga’ee jira.
Gocha ajjeechaa kanas torbee kana keessa meeshaalee gurguddaa akka Moortaraa, Madaafaa, Dishqaa fi rasaasaan godinaalee Gujii keessaatti raawwatanii jiru.
Haaluma kanaan murni PP ajjeechaa aadaa isaa godhate kun kaleessa Bitootessa 30/2024 godina Gujii bahaa aanaa Gooroo Doolaa keessatti dargaggoota lama kan maqaan isaanii Haroo Duubaa fi Diidoo Odaa jedhaman balleessaa tokko malee ajjeesaniiru.
Oduma ajjeechaan wal qabatuun godina Gujii Lixaa aanoolee garaagaraa keessattis gareen faashistii kun ajjeechaa kan raawwataniiru.
Bitootessa 21-26/2024tti aanaa Galaanaa ganda Qarsaa keessatti Bariitee Waaqoo Hirphoo ganna13, Daawwit Gammachuu Dharroo, Haalchaayee Dastaa Dharroo akkasumas Asaffaa Mormaa ganna 38 ganda Dhaamee irraa Gamoo Kachuuraa ganda Hirgaansaa irraa badii tokko malee ajjeesan.
Bitootessa 26-27/2024ttii aanaa Abbayyaa irraa namoota shan kan maqaan isaanii Jiloo Gammaddee, Ayyaanoo Gurraachaa, Ayyaalee Aduulaa fi namoota lama Kan maqaan nu hin ga’iin walumaagalatti namoota shan ganda Qarsaa irraa jumlaan bakka tokkootti yoo ajjeesan aanaa Bulee Horaa ganda Mokkonnisaa irraa namni maqaan isaa Damboobii Baatuu jedhamu daa’imni ganna 16 balleessaa tokko malee akka ajjeefame jiraattonni himaniiru.
Dabalataanis aanaa Dugda Daawwaa ganda Caamee keessatti Bitootessa 27,2024 namoota maqaan isaanii Gammaddee Galgaloo, Liiban Duubaa ganna 32, Boored Sabbaa Qilxaa daa’ima ganna 13 fi Badhaasaa Qoncooraa jedhaman waraana maafi’aa PPn naasuu tokko malee ajjaafamuu isaanii Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa jiraattota irraa Odeeffateera.
