• Tue. Sep 1st, 2026

Lixa Wallaggaa magaalaa Gimbii keessatti dargaggootaan biyya alaa deemtu jechuun goyomsaan galmeessaa jiraachuun barame

Mar 31, 2024

ONM-ABO Bitootessa 30, 2024

Godina Lixa Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Gimbii naannoo Madinii jedhamuun beekamutti murni bilxiginnaa dargaggoota maqaa biyyaa alaa kan akka Kaanaadaa deemtu jedhuun galmeessaa jiraachuun barameera.

Galmee kanaafis dhiirotni %75 akka barbaadamanii fi qarshii 150 kaffalanii galmaa’aa akka jiranis ifoomeera. Galmee isaaniif mallattoo isaanii magaalaa Naqamteetti deemanii akka kennanii fi gowwoomsaadhaaf dargaggootni muraasni deemanii kennanii akka galan ibsameera.

Leenjiin ga’umsa kanaaf isaan qopheessu magaalaa Finfinneetti tola akka kennamuus addeeffameera.
Maqaa biyya alaa deemtu jedhuun dargaggoota erga walitti qabaniin booda hojii galii bilxiginnaaf argamsiisutti xiyyaaraan fe’ee walakkeessa baatii kanaatti biyyoota Arabaatti dargaggoota hedduu kan erge bilxiginnaan, ammas maqaan Kaanaadaa deemtu haa jedhu malee gara baha giddu galeessaatti akka fe’uuf jiru keessa beektonni ibsaniiru.

Dargaggoota gara biyya Arabaatti fe’amaniin alattis kanneen gara mooraa leenjii waraanummaa bilxiginnaatti goyomfamanii deemanis keessa akka jiran ibsameera.

Murni bilxiginnaa carra hoji-dhabdummaa amma mul’achaa jirutti fayyadamuun dargaggoota impaayerattii akkaataa barbaade gochaa jiraachuus himan.

Yeroo ammaa Magaalaa Gimbii keessatti barattootni ragaa barnoota kutaa 8ffaa irraa kaasee hanga kutaa 12ffaatti qabatanii dhiyaachuun galmaa’aa akka jiranii fi hanga ammaatti dargaggootni 3000 ol aanaalee godina Lixa Wallaggaa jala jiran keessaa osoo hin beekin galmaa’anii jiraachuu Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa odeeffateera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading