• Wed. Jan 14th, 2026

Poolisiin Federaalaa Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa 18 saamicha hannaa Warshaa Simmintoo Habashaa irratti taasisuun himame

Mar 31, 2024

ONM-ABO Bitootessa 30, 2024

Ajajaan Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa 18tii Xilahuun Gazzahany jedhamu maqaa Waranaa Bilisummaa Oromoo himachuu fi fakkaachuun hojii saamichaa fi hannaa Warshaa Simmintoo Habashaa irratti geggeessee ture.

Doorsisaa fi saamichaa maqaa WBOn geggeessaa jiru kanaanis Warshaa Simmintoo Habashaa qarshiii Mil. 12 gaafachuun barameera.

Ajajaan Polisii kun, hojjetaa Afa yaa’ii Mana Maree Ganda Gooroo Qeerransaa Magaalaa Hoolataa kan ta’e Suyyuum Mangashaa, hojjetaa Mana Baankii fi Poolisoota 4 waliin ta’uun hojii hannaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromootiin saamichaa warshaa Simmintoo Habashaa irratti raawwachuun ibsameera.

Gaaffii qarshii mil. 12 hattoota kanarraa Warshaa Simmintoo Habashaaf dhiyaateen, Warshaan Simmintoo Habashaa hattoonnii fi saamtoonni kunneen akka Waraana Bilisummaa Oromoo hin taane beekuun, nuti ammatti qarshii Miliyoona 12 hin qabnu jechuun beellama guyyaa biraatti kan qabaniif yoo ta’u, guyyaa beellamaa 2ffaa irratti to’annoo jala ooluun danda’ameera.
Hattoonni kunneen yeroo ammaa, godina Lixaa Shaggar aanaa Walmaraatti hidhamanii jiraachuun odeessi keessoo Poolisii magaalaa Hooloataa irraa nu ga’e ni ifoomsa.

Mootummaan hattootaa fi saamtoota ijaaree maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo xureessuu fi hadheessuun uummata Oromoo fi dhaabbilee garaa garaa saamsisaa akka jiru poolisiin Magaalaa Hoolataa nageenya isaaf maqaan isaa akka hin tuqamne barbadu ragaa qabatama nuuf kennuun danda’eera.

Maddi kun itti dabaluun, WBOn uummata Oromoo sirna hacuuccaa, saamichaa fi cunqursaa abbaa irree jala bilisa baasuu fi qabsoo ofitti hirkannaan saba isaaf kan qabsa’uu malee yakka akkasii akka hin raawwanne ni beekna jechuun, caasaa fi seelii hannaa diriirfatee kan uummata keenya saamaa jiru mootummaa ta’uu eeruun, uummanni keenya gareen WBO fakkaachuu fi maqaa himachuun uummata saamaa jiru mootummaa ta’uu beekuu qabas jedhan.

Itti dabaluunis kan qabe hidhee fi hidhames hattuu dha, isaan waliin nyaachaa turan, bor wal hiikuu fi hattootni akkasii hedduun kan dantaa irratti wal hin lolle, uummata qorqaa jiran bobbaafamanii jiraachuu dabaluun ibseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading