• Wed. May 27th, 2026

Gaazexeessitoonni haleellaa qilleensaa Israa’el hospitaala al-Aqsaa irratti raawwataniin madaa’an

Apr 1, 2024

ONM-ABO Ebla 1, 2024

Haleellaa qilleensaa Israa’el mooraa hospitaala giddu galeessa Gaazaa keessatti raawwateen gaazexeessitoonni 7 madaa’aniiru.
 
Haleellaa mooraa Hospitaala Al-Aqsaa keessatti raawwatameen miseensonni garee hidhattoota Islaamaa Jihaad  afur ajjeefamaniiru.
 
Waraanni Israa’el wiirtuu ajaja Islaamaa Jihaad mooraa hospitaala Deyir al-Balah keessa jiru rukutuu ibseera.
 
Hamaasii fi hojjettoonni fayyaa himannaa Israa’el hidhattoonni Hamaas hospitaalota akka buufataatti fayyadamu jechuun dhiheessite haalaniiru.
 
Michuu Hamaas kan ta’e Jihaad Islaamaa yaada hin kennine.
 
Gaazexeessitoonni kunneen namoota dhibbaan lakkaa’aman mooraa hospitaalichaa keessatti dunkaana yeroof qophaa’e keessatti gaaddisa godhatan keessaa tokko turan.
 
Namoota miidhaman keessaa tokko nama bilisaan BBC’f hojjetu ture.
 
“Akeekkachiisa tokko malee dunkaana rukutan,  shororkeessitoonni nu keessa hin jiran nuti nagaan akka garee gaazexeessitootaatti dunkaana keessa turre,” jechuun ogeessi suuraa Alii Hamad dubbate.
 
Kaameeraa keenya qopheessaa turre akka tasaa dunkaanni sun rukutame, wanti hundi dukkanaa’ee caccabaa fi dhagaa mataa keenya gubbaa balali’een abiddi ka’ee” jedhe.
 
 
Haleellaa Israa’el Gaazaa keessatti sa’aatii 24 keessatti raawwateen lubbuun namoota 77 darbuu ministeerri fayyaa Hamaasiin geggeeffamu Dilbata kaleessaa ibseera.
 
Haleellaa Israa’el naannoo magaalaa Kahan Yuunis Bani Suhayila keessatti raawwatteen namoonni sagal dabalataan du’uun isaanii gabaafameera.
 
Haleellaa Hamaasiin balleessuuf Israa’el kaayyeffatteen   lammiileen Faalasxiin 32,782 yoo ajjeefaman, 75,298 ammoo madaa’uu ministeerri fayyaa Hamaasiin geggeeffamu ibseera.  
 
Jalqaba baatii kanaa Ministirri Ittisaa Ameerikaa Looyid Oostiin akka jedhanitti, namoota ajjeefaman keessaa 25,000 ol dubartootaa fi daa’imman ta’uu ibsuu  isaanii BBCn gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading