ONM-ABO Ebla 1, 2024
Murni faashistii PP siyaasaa isaa diigame suphuuf guyyaa borii akka Oromiyaatti hiriira guddaa dabballoota, warreen mana gandaa keessa jiraatan, warreen mindaan kaffalamuu fi jiraattota dirqiin waraqaa hiriiraa mallatteessan maraan “injifannoo arganne tikfachaa kan hafe waliin haa eeggannu” dhaadannoo jedhuun magaalota godina hunda keessatti geggeessuuf qophii xumuranii jiraachuun barameera.
Akeekni hiriira Kibxata borii kanaa impaayerattiin nagaa ta’uu mootummoota dhiyaatti agarsiisuu fi dhaabbilee idil addunyaatti tasgabbii qabachuu beeksisuun kufaatii dippilomaasii akkasumas investimentii isaan mudate irraa baraaramuuf hojjechaa jiru.
Kana akka ijootti qabachuun koree seelii isaanii erga mariisisaniin booda tokko tokkoon seektara mootummaa kamiiyyuu ibsoota ejjannoo WBOn humnoota badiiti, uummata Oromoo ajjeesaa, saama, mana irratti guba, misooma barbadeessaa, Oromoof qabsaa’uu hin danda’u, nu kan nu ceesisuu fi diimokiraasii dhugaa kan nuuf fide PP dha, WBO ni balaaleffanna jechuun abjuu aangoo isaa uummata burjaajeessee dheereffachuuf qabu raawwachuuf dirqiin hiriira kana geggeessuuf olii fi gadi fiigaa jira.
Namootni magaalota aanaa irraa dirqamaan konkolaataan abbaa qabeenyaa qabameefii ittiin kan geeffaman yoo ta’u, namootni hiriira kana irraa hafan akka itti gaafatamanis hidhattoota sirnichaan akeekkachiifamuu fi gaazexeessootni OBN kaameeraa qabatanii keessa fiigaa jiraachuu odeessi keessoo bilxiginnaatii ba’e ni addeessa.

