ONM-ABO Ebla 1, 2024
Lafa citee dhukkuba akkuma Oromoon jedhu barattootni qareeyyiin Yuuniversiitii Finfinnee ilmaan Oromoo Walloo lola finxaaleyyiin Amaaraa irratti banteen madaa’anii yaala irra jiraniif dhiiga arjooman.
Ilmaan Oromoo barattootni Yuuniversiitii Finfinnee Sanbata darbe gaafa Bitootessa 30, 2024 bulchiinsa magaalaa Adaamaa hospitaala ispeeshaalaayizdii meedikaala Adaamaa deemuun Oromoota Walloo haala hamaa keessa jiran dhiiga isaaniin qaqqabaniiru.
Dhiiga arjoomaniifiin alattis naannoo dhukkubsattootaa kana turuun jajjabeessaa erga turaniin booda, gocha addatti Oromota Walloo marfata diina jala jiran irratti raawwateef gadduun, hawaasni Oromoo bakka maraa waloon bira dhaabbachuu qaba jedhan.
Lolli ilmaan Oromoo Walloo irratti aanota garaagaraa keessatti baatii Bitootessaa keessa eegale hanga har’aatti osoo hin dhaabbatin lubbuu Oromoota balleessaa kan jiru yoo ta’u, madoon uummata Walloo daandii dheeraa Affaar keessa naanna’uun gara Adaamaa dhufaa jiraachuun ni beekama.


