ONM-ABO Ebla 1, 2024
Namni hiriiraa kana hin irraa qooda hin fudhanne qarshii 1000-2000tti adabama jechuun milishoonni PP uummata doorsisaa jiru.
Maqaa namootaas mana irra deddeemanii galmeessaa jiru. Warra konkolaataa qabaniin ammoo dirqamaan fe’uu qabdu, yoo hin feetan ta’e boodaa wal arguuf jirra jechuun sodaachisuutti dabalatee gabatee konkolaataa galmeeffachaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
