• Mon. Mar 16th, 2026

Finfinnee kutaa bulchiinsa Birbirsa Gooroo irraa kaasee hanga Lammii Kuraatti manneen jiraattotaa beenyaa tokko malee murna bilxiginnaan diigamuun itti fufee jiraachuun himame

Apr 3, 2024

ONM-ABO Ebla 3, 2024

Magaalaa Finfinnee bulchiinsa magaalaa Birbirsa Gooroo qabee hanga Lammii Kuraatti maqaa manneen seeraan alaa jedhamuun manneen jiraattotaa akka diigamu murni bilxiginnaa murteessee diigsisaa jiraachuu jiraattonni dubbatan.

Sababa diigumsa manneen jiraattotaa irratti ta’aa jiruunis walitti bu’iinsa humnootii naga-eegumsaa jechuun murni bilxiginnaa bobbaasee fi jiraattota gidduutti uumamuun namoota irra miidhaan ga’uu ibsaniiru.

Akka Jiraattonni sodaa nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka hin tuqamne ONM’f ibsanitti bulchiinsa magaalaa Birbirsa Gooroo Kaasee hanga Lammii Kuraatti maqaa manneen seeraan ala ijaaraman diiguu jedhuun manneen hedduu beenyaa tokko malees diigaa akka jiranis dabaluun himaniiru

Maatii daa’imman of harkaa qaban dubartoonni ulfaa alatti gatamuunii fi maanguddoonni qe’ee irraa buqqaa’anii rakkoo hamaa keessa akka jiranis beekameera.

Hawaasni qaama itti iyyatan dhabuun jireenya hadhooftuu keessummeessaa jiraachuu fi abdii kutannaa hamaa keessa seennee jira jechuun komii sirna bilxiginnaa irraa qabanis himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading