• Sun. Mar 15th, 2026

Hojjettoonni gargaarsaa Biriten sadii kan Dhaabbata Tola Ooltummaa Addunyaa Gaazaatti ajjeefaman

Apr 3, 2024

ONM-ABO Ebla 3, 2024

Dhaabbanni Tola Ooltummaa Adunyaa (WCK) akka jedhetti hojjettoonni gargaarsaa isaanii torba ajjeefamuu ibse.

Hojjettoonni gargaarsaa Biriteen sadii haleellaa qilleensaa Israa’el Gaazaa keessatti raawwateen ajjeefaman.

Muummichi Ministeeraa Rishi Sunak Israa’el gocha kana ”hatattamaan” akka qorattu gaafataniiru.

Dhaabbanni tola ooltummaa WCK hojii isaa Gaazaa keessatti kan dhaabe yoo ta’u, haleellaa kanaan namoonni miidhaman biroo lammii Awustiraaliyaa, Poolaand, Falasxiin, Ameerikaa fi Kaanaadaa ta’uu ibseera.

Konkolaataan gargaarsaa tokko mana kuusaa Deyir al-Balah keessaa ba’aa osoo jiruu rukutame. Akka Dhaabbata Tola Ooltummaa kanaatti gochi kun kan raawwate bakka inni ”gargaarsa nyaata namoomaa toonii 100 ol” buusee turetti.”

UK’n du’a namoota kanaan walqabatee ambaasaaddara Israa’el waamtee gaafatteetti.

Ministirri Dhimma Alaa Daavid Kaameroon du’a hojjettoota gargaarsaa ”guutummaan guutuutti fudhatama akka hin qabne” jala sararuu fi Ministira Dhimma Alaa Israa’el Kaatz waliin haasa’uu isaanii ibsaniiru.

“Israa’el kun akkamitti akka ta’e hatattamaan ibsuu fi jijjiirama guddaa gochuun nageenya hojjettoota gargaarsaa lafarra jiran mirkaneessuu qabdi,” jedhan.

Gorsaan seeraa Israa’el Gaazaa keessatti seera namoomaa idil-addunyaa cabsite jedhu argachuu fi dhiisuu isaa gaafatamanii, Mr Sunak ejjennoon UK ”yeroo dheeraaf” ”Israa’el seera namoomaa idil-addunyaa eeguuf yaadaa fi dandeettii qabdi” jedhan.

Muummichi ministeeraa itti dabaluudhaan ”Gaazaatti du’aatiin namoota nagaa baay’ee ta’uu” ibsuun, ”booji’amtoota akka baasnuu fi gargaarsi dabalataa gara naannichaatti akka seenuu fi hatattamaan gargaarsi namoomaa akka itti fufu” irra deebi’anii dubbataniiru jechuun BBC’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading